1. Home /
  2. Public figure /
  3. Pastor Dr. Mezgebu A. Tucho


Category

General Information

Locality: Edmonton, Alberta

Likes: 83641

Reviews

Add review



Facebook Blog

Pastor Dr. Mezgebu A. Tucho 15.11.2020

}} Nagaan waaqayyoo waaqaa jirataa isinif haa ta'uu jechaa. ergaa kee kan guyyaa har'aa dubbifachuu barbadaa yoo ta'e dursaa.....@-- utuu hin xuqiin ...gadi bu'ii , sif kennaman jiru 1---- 20 filaadhuu comment jalatii barreessi.......isaa boode erga kee dubbifadhu,carraan kun si hin darbini . )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- )) ----- 1}} Jalqabni kee gad deebi'aa yoo fakkaate iyyuu, dhumni kee immoo baay'ee guddaa in ta'a , 8: 7 2}} Barichi raawwatameera,mootummaan waaqayyoos dhi'aateera,yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa,jedhe. ;1: 15 3}} karaa ani seerrata kee eegu irratti,jabaadhee utuun dhaabadhee attaman jaalladha! ; 119: 5 4}} Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin sanyii kee gara ba'a-biiftuutii nan fida, gara lixa-biiftuutiis walitti siif nan qaba. ; 43: 5 5 }} Namni si ari'achuuf jireenya kee balleessuufis yoo ka'e iyyuu lubbuun kee hidhaa tokkummaa warra jiraatoo keessatti waaqayyoo gooftaa keetiin nagaatti in eegama,lubbuun diinota keetii garuu akka namni dhagaa furrisa keessa kaa'ee darbatuutti in darbatama. 1 '; 25: 29 6}} yaa waaqayyo, akka ati jettetti, gaarummaan kee, gargaarsi kee inni fayyisus anaaf haa dhufu. ; 119: 41 7}} Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraaraaf nama gargaara, nama waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu, wanta baayyeedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira. 1 ; 4: 8 8}} Isa dur namni si irraa goree, si jibbees ture, isa dur namni tokko illee si keessa hin darbine, amma immoo ani bara baraan surra- qabeetti sin godha,dhaloota hundumaafis iddoo gammachuu in taata. ; 60: 15 9 }} Isin warri gad deebi'oon biyyicha keessa jiraattan, warri isa duratti wanta qajeelaa ta'e hojjattan hundinuu waaqayyoon barbaaddadhaa!guyyaa dheekkamsa isaa sanatti inni isin golboobee isin in oolcha ta'a isin immoo qajeelinaa fi garramummaa barbaaddadhaa. ; 2: 3 10}} iji kee wanta qajeelaa in arga, kanaaf mirgi argachuun anaaf ta'u si biraa anaaf haa dhufu. ; 17: 2 11}} Fayyisuu kee ija kootiin argeera. ; 2 : 30 12 }} warra kakuu isaa fi abboommii isaa eegan hundumaaf, karaan waaqayyoo hundinuu karaa gaarummaatii fi karaa dhugaa ti. ; 25: 10 13}} waaqayyoo gooftaan keessan, waaqayyoo araara-qabeessa waan ta'eef, isin hin gatu, isin hin balleessu, kakuu isa cimsee abboota keessanii wajjin gale sanas hin irraanfatu. ; 4 : 31 14 }} yesus itti fufee,isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa,ani boqonnaa isiniifan kenna. ; 11: 28 15 }} Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf ergamaa si dura nan erga. '; 23 : 20 16}} waaqayyoo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaaritti isaan in geessa, isaanoo warra akka akeeka isaatitti waamamanii dha. ; 8 : 28 17 }} warra maqaa dhagna-qabaatiin akka sarootaa foon dhagna namaa kukkutuudhaan hamaa godhan irraa of eeggadhaa. ; 3 : 2. 18 }} Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha, kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa. ; 10: 23. 19 }} Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu. ; 3 : 4. 20 }} Namni ogeessaa wajjin adeemu,ogeessa in ta'a, miiltoon gowwoota garuu in bada. ; 13 : 20 . }} ' , , {{ , , , }} =========

Pastor Dr. Mezgebu A. Tucho 26.10.2020

Maaliif waamamnee? HoE. 8 Amantoonni warri bittimmaa'an biyya keessa naanna'anii, dubbicha in lallaban.... Filiphos gargaartota keessaa tokko, mandara Samaariyaa tokkotti gad bu'ee, namoota mandarichaatti Kristosin lallabe. See more

Pastor Dr. Mezgebu A. Tucho 07.10.2020

{{ . 14:1....6 }} ========= }} Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!... =}} yesus hardhas na wajjiin jiraa si wajjiin jiraa haalichii yoo sittii ulfatees, haalicha ilaalte hin raafamini, inni biyya lafa raasuu siin hin raasini, jabadhuu dhabadhuu, Abdiis hin kutatinni. }} Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema. =}} mana waaqayyo keessa, golgaa waaqayyo keessaa hunduu guutadha, =}} nagaan jiraa =}} jaalala jiraa =}} Gammachutu jiraa =}} boqonnatu jiraa =}} jireenyatu jiraa =}} Tokkummatu jiraa. }} Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. =}}waaqayyoo akkuma nu Jaalatee gara isaatti nu wamee, iddoo boqonnaa keenyas kan nuuf mijeessu isuma malee nu miti, iddoo nuuf ta'u isatu nuuf beekaa malee nu miti, =}} iddoo inni nuuf qopheesse kana argachuf nu irraa maltuu Eegama? =}} Amanamummaa qabachu, =}} Abboommii isaas eegu, =}} qajeelota ta'u =}} laphee waaqayyon sodaatu qabachuu, =}} hundaa olii laphee qulqulluu dhan waaqayyof hojjachudha. =}} yoo kana hundaa gonnee isa waaqayyoo nuuf qopheesse hundumaa fudhachuf jiraa deebi'ee dhufu isaatis fuula isa duraa akka nu hin dhabnnee qophofnee eguu qabna, gala keenya isaa biraa qabnus isa irraa fudhachu dhaf yeroo hundumaa fuula isaa dura turutu nuuf ta'a. }} Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" jedhe. =}} yesus eessa dhaqee? =}} yesus gara samiiti olii bahee, iddoon inni jiraa iddoo boqonnaa qabudha, iddoo jireenya kiristannotaf mijataa ta'e dha, karichi achi geessus Kan beekuu kan yesusitti kooluu galee duwwaadha. }} Toomaas immoo, yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya? Jedheen. =}} hardha baay'een keenya yesus eessa akka jiruu, eessa akka dhaqes hin beeknu, waan fagoo nu irraa jiruu nuutti fakkataa,garuu inni yeroo hundumaa, nu wajjiin jira,nu biras jiraa, Kanaaf nu duwwaan isaaf ofii haa kenninu, malee yesus yeroo hundumaa nu wajjiin jiraa. Karichas inu nuuti in argarsisa. }} yesus deebisee, karichi, dhugaan,jireenyis, ana,anaan yoo ta'ee malee, eenyu,iyyuu iyyuu gara abbaa hin dhufu. =}} eeyyeen =}} karichii =}} dhugaan =}} jireenyis =}} fayyinni =}}boqonnaani =}} nagaan,yesusin malee gonkumaa hin jiruu, kanaaf kristosif adda baane haa jirannu. , '. [[ , ,,]] =========

Pastor Dr. Mezgebu A. Tucho 07.09.2020

Jallinni baay'achuun dheekkamsa waaqayyoo fida.